Hooggansi sadarkaan jiru injifannoo haaraa galmeessisuuf xiiqeeffatee hojjechuu qaba- Obbo Shimallis Abdisaa
Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC) – Hooggansi sadarkaan jiru injifannoo haaraa galmeessisuuf xiiqeeffatee hojjechuu qaba jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan gamaggama raawwii hojii Mootummaafi Paartii kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa jiru irratti hirmaattotaaf kallattii marii kennaniiru.
Hooggansi ba’aafi qormaata guddaa qabaachuu kaasanii, qindoominaan of kennuun kan hojjetamu yoo ta’e tulluun hin diigamne hin jiru jedhan.
Kanaaf hooggansi uummata waliin ta’uun injifannoo haaraa galmeessisuuf xiiqeeffatee hojjechuu akka qabu hubachiisuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.