Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi oomishaalee al-ergiirraa galii Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 12 ol argate

Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii baatiiwwan jahan darbanitti oomishaalee al-ergiirraa galii Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 12 fi kuma 600 ol argameera jedhe.

Korporeeshinichatti hogganaan Qajeelcha Kominikeeshinii Phaawuloos Ballaxaa Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, boordiin korporeeshinichaa gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii gaggeesseera.

Baatiiwwan jahan darbanitti oomishaalee al-ergii zooniiwwan diinagdee addaafi paarkiiwwan indaastirii korporeeshinichi bulchu keessatti oomishaman irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 12 fi kumni 600 ol argameera jedhan.

Raawwiin kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu dacha lamaan guddachuu ibsaniiru.

Bu’aan raawwii baatiiwwan jahan darbanii galmoota tarsiimawaa waggoota shanii korporeeshinichi qabate gara hojiitti hiikamaa jiraachuuf agarsiistuu ta’uus eeraniiru.

Galmoota tarsiimawaa korporeeshinichaa akkaataa karoorfameen milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Admaasuu Arraagaawuun.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.