Itiyoophiyaa fi Beelaaruus damee loltummaan waloon hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Beelaaruus damee loltummaan waloon hojjechuuf kan dandeesisu sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigalticha Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad fi Ministirri Ittisaa Beelaarus Diimitirii Paantas mallatteessaniiru.
Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita kana akka dubbatanitti, waliigaltichi tattaaffii indaastirii fi tekinooloojii loltummaa Itiyoophiyaa guddisuu fi meeshaalee loltummaan of danda’uuf taasifamaa jiruuf faayidaa olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan giddugaleessa Afrikaa ta’uu isheen gabaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf akka gargaarus eeraniiru.
Gama biraatiin waliigaltee tarsiima’aa hoggantoonni biyyoota lamaanii mallatteessan hojiitti galchuuf kan gargaaru akka ta’es dubbataniiru.
Dimiitirii Paantas gama isaaniin, biyyootni lamaan pirojeektota adda addaa waliin hojjechaa akka jiran eeranii, waliigaltichi dameewwan haaraa garaagaraa irratti bobba’uuf carraa kan uumu ta’uu dubbatan.
Humni Qileensaa Beelaarus bori irraa eegalee kan kabajamu ayyaana hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa irratti agarsiisa akka dhiyeessuu fi jilli isaaniis akka irratti hirmaatu Miidiyaann Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia