Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Hoggantoota Afrikaa 39ffaan milkaa’inaan xumuramuuf…

Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC)- Dhaabbiileen nageenyaa yaa’ii Hoggantoota Afrikaa 39ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu milkaa’inaan akka xumuramuuf karoora nageenyaa qophaa’erratti marii gaggeessaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaala Dammallaash Gabramikaa’eel, dhaabbiileen nageenyaa aarsaa olaanaa kaffaluun hojiilee nageenyaa heddu yeroo garaagaraatti sagantaaleen qophaa’an milkaa’inaan akka xumuramaniif gahee bahachaa turuu ta’uu ibsuun yaa’iin hoggantoota Afrikaa 39ffaan muuxannoo qabanitti fayyadamuun milkaa’inaan akka xumuraniif qajeelfama hojii kennaniiru.

Dhaabbiileen nageenyaa fooramii gaggeeffameen Loojistiksii, teeknooloojii fi humna nama leenji’een walitti hidhamuun qophii fi qindoomina qabnuun hojjechuun yaa’icha milkeessuu qabna jedhan.

Yaa’iin Hoggantoota Afrikaa 39ffaan milkaa’naan akka xumuramuuf gareen opireeshinii dhaabbiilee nageenyaa fi odeeffannoo magaalaa Finfinnee fi naannawaa akkasumas kutaa biyyaatiitti hundaa’uu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen gamasaaniin, maqaa gaarii biyyattii mul’isuuf naamusa olaanaan keessummoota simachuuf qophaa’uu fi odeeffannoo wal jijjiiruun yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.