Oppireeshiniin sochiilee humnoota sodaa keessoo fi alaa fashaleessuu raawwatame- Tajaajilicha
Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC)- Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa oppireeshiniin sochiilee humnoota sodaa keessoo fi alaa fashaleessan raawwatamaniiru jedhe.
Qorannoon raawwii karoora baatiwwan jahan darbani Tajaajilichaa bakka hoggantoonni tarsimoo tajaajilichaa argamanitti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti halaa nageenya biyyattii waareessuu, eebba hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dabalatee sagantaalee sadarkaa biyyaaleessaa, ardii fi idil addunyaatti gaggeeffaman milkaa’inaan akka xumuramaniif hojjetamuun ibsameera.
Tajaajilichi dhaabbiilee nageenyaa biroo waliin ta’uun oppireeshinii kennamaniin sochiilee humnoota sodaa keessoo fi alaa uuman dadhabsiisuun bu’aan galmaa’uu eeruun, qaamoolee waamicha nageenyaa simachuun hidhannoo hikkatanii hawaasatti akka makaman taasifamuus ibseera.
Haala nageenya naannawaa fi addunyaa keessa jiruun guddina Itiyoophiyaa fi tarsimoo fayyadamummaa ummataa mirkaneesseen bu’aaleen galmaa’uu Tajaajilichi Ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen eereera.
Baatiwwan jahan darbaniis odeeffannoo kennaman, hojiilee ergama qabsoo hiyyummaarratti fi xiinsammuu kara milkaa’ina qabuun raawwachuu sadarkaa olaanaan guddachuu fi sodaa hir’isuu danda’amuun waltajjicharrattii ibsameera.
#Oromia #Ethiopia