Itiyoophiyaafi Jibuutiin yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuuf waliigalan
Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Jibuutiin yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuuf waliigaltee loltummaa mallatteessan.
Waliigalticha Ajajaa Olaanaan ajaja Kaaba Bahaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chakol fi Ajajaan ajaja Kaaba Lixaa Jibuutii Koloneel Alii Shaahiimiin mallatteessaniiru.
Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chakkol wayita kana hariiroon loltummaa Itiyoophiyaafi Jibuutii naannawaa daangaatti yakkoota daangaa ce’an gama ittisuun baroota kan lakkoofsiseefi seena qabeessa ta’uu ibsan.
Waggaa tokko dura naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti argamuun daawwannaa loltummaa taasisuu yaadachiisanii, hammattoon tumsaa yeroo sana eegale cimee itti fufuun waliigaltee loltummaa kanaaf bu’uura ta’uu kaasaniiru.
Yeroo itti aanuttis tumsi loltummaa biyyoota lameenii cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Jibuutiitti Attaasheen loltummaa Itiyoophiyaa Meejer Jeneraal Tasfaayee Waldamaariyaam ammoo dhimmoota nageenyaafi tasgabbii waloo biyyoota lameenii irratti hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Waliigaltee biyyoonni lameen mallatteessan bu’aa qabeessa taasisuuf hariiroon hoggantoota loltummaa naaannawichaa cimuu akka qabu eeraniiru.
Waliigalteen kunis hariiroo biyyoota lameenii sadarkaa olaanaatti guddisuuf gargaara jedhan.
Ajajaan ajaja Kaaba Lixaa Jibuutii Koloneel Alii Shaahiimiin gama isaaniin, mariifi waliigalteen bu’uura hariiroo cimaa biyyoota lameeniin mallattaa’e kun yakkootaafi rakkoolee naannawaa daangaa irratti mudatan waloon ittisuuf dandeessisa jedhan.
Waliigalticha irratti caasaa waloo hundeessuu, odeeffannoo waqtaawaa wal jijjiiruufi yakkoota daangaa ce’an ittisuu dabalatee dhimmoota garaagaraarratti waliigaluu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.