Finfinneetti gamaaggamni raawwii hojii karooraa baatiiwwan jahan darbanii gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Amajjii 16, 2018 (FMC)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa baatiiwwan jahan darbanii gaggeeffamuu eegaleera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a ganama gamaaggama imala baatiiwwan jahan darbanii magaalaa keenyaa qorachuu eegaleerraa jedhan.
Aadde Adaanech akka jedhanitti, guyyoota sadan kanatti bara 2018 baatiiwwan jahan darban hojiileen Paartii fi Mootummaan hojjetaman hoggantoota aanaalee hanga bulchiinsa magaalichaatti jiran waliin gadii fageenyaan ni gamaaggamama.
Baatiiwwan jahan darban sa’aatii 24 hojjechuun aadaa hojii jijjiiruun, jiraattootaa fi michoota misoomaa hirmaachiisuun dameelee hundaan hojiileen karoorfaman %95 raawwatamuu ibsaniiru.
Bu’aa olaanaa galmeessinuus hanqinoota mul’atanii fi raawwii karooraa dhaabbiilee keessatti mul’atan tajaajila si’ataa kennuuf hanqinoota jiran ,tajaajila kennuuf maallaqa gaafachuu, naamusa hojii dhabuunii fi kanneen biroo adda baasuun maksuu fi kallattii kan keenyuu fi baatiiwwan jahan itti aanaaniif dandeettii fi muuxannoo caalu kan irraa qooddanuudha jedhan.
Akkasumas jiraattoota magaalichaa amanamummaa fi cichoominaan tajaajiluuf kan itti qophaa’amu ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.