Xiyyeeffannoon oomisha bakka bu’oof kenname bu’aa argamsiisa jira
Finfinnee, Amajjii 16, 2018 (FMC)- Xiyyeeffannoon oomisha bakka bu’oof kenname bu’aa argamsiisaa jira jedhe Ministeerri Indaastirii.
Ministeerichi raawwii karooraa baatiiwwan jahan darbanii magaalaa Aarba Mincitti gaggeessaa jira.
Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allebal waltajjicharratti akka jedhanitti, bara baajatichaa oomisha bakka bu’oon doolaraa biiliyoona 3 fi miiliyoona 400 hambisuun danda’ameera.
Xiyyeeffannoo oomisha bakka bu’oof kennameen bu’aan galmaa’aa jiraachuu ibsuun, mootummaan oomishaalee alaa galan irratti hirkkatummaa jiru hir’isuuf oomisha biyya keessaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan dandeettii biyya keessa ijaaruuf oomishaaleen 96 adda baasuun hojiin bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu eeruun, oomishaalee bakka bu’oon hanqina sharafa alaa hir’isuu, carraa hojii uumuu fi lammiileen gatii madaalawaan akka argatan taasifamuu kaasan.
Oomishaalee bakka bu’oo oomishuun guddina argamsiisaa jiraachuu eeruun, bu’aasaa caalmaatti cimsuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
Araagawii Haayaaloomitti gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.