Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa RDFI nagaa Itiyoophiyaa eegsisuuf qophaa’ummaa olaanaa irra jira – Leetinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Humni Qilleensaa RDFI nagaa Itiyoophiyaa eegsisuuf qophaa’ummaa olaanaa irra jira jedhan Leetinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisee agarsiisni qilleensarraa Leenca Gurraachaa Bishooftuutti geggeefamaa jira.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa sirnicha irratti akka dubbatanitti, Humni Qilleensaa tekinooloojii ammayyaa fayyadamuun sadarkaa olaanaa irra ga’eera.

Humni Qilleensaa kun hojiilee hedduu hojjechuun waggaa 90 akka loofsisuun angafa akka ta’e eeranii, nagaa Itiyoophiyaa eegsisuuf qophaa’ummaa olaanaa irratti akka argamu ibsan.

Nagaa Itiyoophiyaa eegsisuuf humna namaa fi tekinooloojiin yeroo yeroon cimsachaa ergama isaa ba’achaa akka jiru hubachiisaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.