Fana: At a Speed of Life!

Qonna Biyya keenyaa Ceesisuuf Gaheen Loojistiksii olaanaadha – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Qonna biyya keenyaa ceesisuuf gaheen loojistiksii olaanaadha jedhan hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu.

Biiroon Qonna Oromiyaa guyyaa har’aa magaala Mojootti furtuu konkolaattota 73fi motorsaayikilii 795 hodinaaleefi aanaalee Naannoo Oromiyaa garaagaraatiif dabarsee kenneera.

Hoogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu saganticharratti argamuun akka dubbatanitti, qonna biyya keenyaa ceesisuuf gaheen loojistiksii olaanaadha.

Mootummaan jireenya hawaasaa jijjiiruuf waan danda’u hundaa hojjechaa akka jirus dubbatan.

Guyyaa har’aas konkolaattota 73fi Motorsaaykiloota 795 dabarfaman kunneen sagantaalee garagaraa waliin ta’uun loojistikii bu’aa qabeessummaa qonna biyya keenyaatiif dabarfamanii kennaman kunneen sagantaa FSRP jedhamu qonna biyyattiif deeggarsa kennaa jiru daran kan jajjabeeffamuudha jedhan.

Gama biraatiin sagantaaleen ”P.A.C.T” fi ”CREW” jedhamanii jijjiirama qabatamaa gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti taasifamuu kan tumsan ta’uu ibsuu isaanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’sa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.