Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuun dirqama Itiyoophiyaanotaati- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 17, 2018 (FMC) – Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuun dirqama Itiyoophiyaanotaati jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, faayidaafi fedhii Itiyoophiyaa kabachiisuuf nuyi Itiyoophiyaanotaan ala namni biraa kamiyyuu dirqama hin qabu jedhan.
Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuun dirqama Itiyoophiyaanotaa; deeggarsa michuuwwan keenyaa fedhiirratti hundaa’e ta’a jechuun ibsan.
Jaallennes jibbines faayidaafi fedhii Itiyoophiyaa mirkaneessuun gochaa nuyi Itiyoophiyaanota irraa eegamu ta’uu hubachuu fi hojiirra oolchuun barbaachisaadhas jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.