Daandiin asphaaltii konkiriitii Tulluu Boolloo- Keellaa eebbisiifame
Finfinnee, Amajjii 17, 2018 (FMC) – Daandiin asphaaltii konkiriitii Tulluu Boolloo- Keellaa kiiloomeetira 81.6 dheeratu eebbisiifameera.
Daandichi baasii mootummaa federaalaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 300 ijaaramuun ibsameera.
Saganticharratti Pirezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaawu Xaasoofi Ministir Deetaa Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Yeetim Geetaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaawu Xaasoon wayita kana akka jedhanitti, daandichi daldalli, invastimantii fi indaastiriin akka babal’atu, invastaroonni naannawicha akka filataniifi hariiroon aadaa uummattootaa akka jabaatuuf qooda olaanaa qaba.
Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Yeetim Geetaa Asraat gama isaaniin, mootummaan bu’uuraalee misoomaa akka meeshaa ijoo ammayyummaafi guddinaatti fudhachuun xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Sammahaanyi Nigaatuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.