Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan vaayirasii Maarbargi to’achuu danda’uun ishee dandeettii weerara tasaa to’achuuf qabdu agarsiisa- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Amajjii 18 , 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan vaayirasii Maarbargi to’achuu danda’uun ishee dandeettii weerara tasaa to’achuuf qabdu agarsiisa jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon.

Waltajjii hoggansa deebii balaa tasaa fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa fi labsii to’annoo dhukkuba vaayirasii Maarbargi gaggeeffame irratti sagantaan beekamtii kennuu adeemsifameera.

Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana ergaa dabarsaniin bu’aan vaayirasii Maarbargi to’achuun dhufe hiikaa guddaa qaba jedhan.

Vaayirasicha Itiyoophiyaa keessaa balleessuuf karaan danda’ame milkaa’ina imaammata fayyaa akkasumas kutannoo fi qindoomina hoggansaaf agarsiistuu ta’uu kaasanii, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojii eegumsa fayyaa lammiileef dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu eeran.

Hojimaata saayinsawaa hordofuun sirni deebii qindaa’aa itti kenname vaayirasicha Itiyoophiyaa keessaa balleessuu akka dandeessiseefi kunis Itiyoophiyaan sirna fayyaa dhukkuboota tasaa dandamatu ijaaruu ishee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Qaamolee tattaaffii vaayirasicha to’achuu keessatti qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.

Bu’aa dinqisiisaa argame itti fufsiisuun hojiin dandeettii sirna fayyaa cimsuufi ammayyeessuu cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.