Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Manajimantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan
Ministeerichi guddina diinagdee Ityoophiyaa babal’isuufi diinagdee diijitaalaa fi naannawaa dadala bilisaa Afrikaa saffisisuuf fooyyeessi diinagdee gooroo hojiirra olchuu ibsaniiru.
Daayrektarichi gamasaaniin, Mootummaan Itiyoophiyaa ijaarsa fooyyeessii liiqii dabalatee fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuuf murannoo agarsiise dinqisiifataniiru.
Baankiin Addunyaa ajandaalee misoomaa itti fufiinsaan teeknikaa fi faayinaansiin deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Qaamoleen lameen michummaa tarsimawaa Itiyoophiyaa fi Baankii Addunyaa gidduu jiru gamaaggamuu isaanii Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.