Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii Tiriiliyoona 2.3 caale

Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa baatiwwan jahaan darban keessa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 20 ol liqeesse jedhe.

Baankichi tajaajila si’ataa fi ammayyaa maamiltootaaf kennaa jiraachuu ibse.

Baankichi sagantaa eegalchiisa torbee tajaajila maamiltootaa gaggeessaa jira.

Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Walitti Qabaan Boordii Daayirektoreetii baankichaa obbo Ahimad Shiidee, hoggantoonni olaanaan baankichaa, hoggantoonni dhaabbilee adda addaa fi hojjettoonni saganticharratti argamaniiru.

Fooyyessiin diinagdee gooroo hojiirra oole jijjiirama qabatamaa galmeessuu ibsan obbo Ahimad Shiideen saganticharratti.

Hojiileen guddina diinagdee % 10.2 galmeessuuf karoorfame milkeessuu danda’an hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Baankichi yeroo ammaa maamiltoota miiliyoona 45 ol horachuu ibsan bakka bu’aan Pireezidaantii baankichaa fi Pireezidaantii Itti Aanaan Tajaajilaa Eefireem Makuriyaan.

Baatiwwan jahaan darban keessa Birrii biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 20 ol liqaan kennamuu eeran.

Torban Tajaajila Maamilootaa kun mata duree “Itti quufinsi keessan, Milkaa’ina Baankii Keenyaaf” jedhuun waajjirra muummee baankichaatti kabajamuu eegaleera.

Qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii Tiriiliyoona 2.3 caaleera.

Baatiwwan jahaan darban keessaa maallaqa kuufamaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 25 walitti qabeera.

Maallaqni kuufamaan waliigalaas Birrii Tiriiliyoona 2 qaqqabeera.
Gurgurtaa waliigalaa keessaa % 90 filannoowwan Diijitaalaan kan raawwatamu ta’uu ibsameera.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.