Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo ittifamuu danda’uun lubbuun haadholii darbuu hin qabu-Biiroo fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Amajjii 19 , 2018 (FMC) – Rakkoo ittifamuu danda’uun lubbuun haadholii darbuu hin qabu jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Guyyaan fayyaa haadholii sadarkaa addunyaatti marsaa 39ffaan akka Itiyoophiyaatti ammoo marsaa 20ffaan qopheessummaa Ministeera Fayyaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaan magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa wayita kana du’aatii haadholii ittisuun lammiilee fayyaa buleeyyii uuma jedhan.

Haadholiin yeroo da’umsaafi da’umsaan booda odeeffannoo sirriifi tajaajila qulqullina qabu argachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa babal’isuun du’aati haadholii ittisuun akka danda’amus eeraniiru.

Gorsaan Olaanaan Ministeera Fayyaa Piroofeesar Silashii Gaaromaa gama isaaniin, fayyaa haadholii eeguun fayyaa biyyaa eeguu akka ta’e ibsan.

Fayyaa haadholii eeguuf dhaabbileen dhuunfaa fi qaamoleen hawaasa hundi gahee isaan irraa eegamuu bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Kululaa Garbichaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.