Fana: At a Speed of Life!

Galmi keenya oomisha qulqullina qabu gabaa addunyaaf dhiyeessuudha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Amajjii 19 , 2018 (FMC) – Galmi keenya oomisha shammattootaaf dhiyeessuu qofa osoo hin taane ququllinaan gabaa addunyaaf dhiyeessuudha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen Man-kuusaa kuduraafi muduraa qabbaneessu Aqaaqii Qaallittiitti ijaarame eebbisiisaniiru.

Aadde Adaanech wayita kana Man-kuusaan kun tattaaffii birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf taasifamaa jiru keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsan.

Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi Walitti qabaan Boordii Korporeeshinii Hojiilee Daldalaa Itiyoophiyaa Dooktar Kaasahuun Goofeen gama isaaniin, man-kuusaan kun yeroo tokkotti oomisha kuntaala kuma 20 kuusuu danda’a jedhan.

Man-kuusichi baasii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 700’n lafa karee kuma 11 fi 490 irratti ijaaramuus eeraniiru.

Pirojektiin kun cabiinsa damee daldalaa irratti mul’atu maqsuu keessatti shoora olaanaa akka qabaatus ibsameera.

Takkaallinyi Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.