Itiyoophiyaan tatamsa’ina dhibee Maarbargii guutummaatti to’achuun milkaa’ina olaanaadha – Pireezidaantii Rootarii Idil Addunyaa
Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaan tatamsa’ina dhibee Maarbargii guutummaatti to’achuu danda’uun ishee milkaa’ina olaanaadha jedhan Pireezidaantiin Rootarii Idil Addunyaa Firaansikoo Ooreezoo.
Pireezidaantiin Rootarii Idil Addunyaa Firaansikoo Ooreezoon Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan tatamsa’ina dhibee Maarbargii guutummaatti to’achuu danda’uun milkaa’ina olaanaadha jedhan pireezidaantichi marichaan.
Rootarii Internashinaaliin dhibee Pooliyoo addunyaarraa balleessuuf Doolaara biiliyooma 4 ramadee hojjetaa jiraachuu ibsan.
Itiyoophiyaatti ammoo Doolaara miiliyoona 33 baasii gochuun dhibichi akka badu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Dooktar Maqdas gama isaaniin, Duula pooliyoo balleessuu fi hojiilee eegumsa fayyaa Rootariin hojjetaa jiru galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.