Xaa’oon meetirik toonii miiliyoonni 1 ol gara biyya keessaatti geejjibsiifame
Finfinnee, Amajjii 20 , 2018 (FMC) – Baatiiwwan jahan darbanitti xaa’oon meetirik toonii miiliyoonni 1 ol gara biyya keessaatti geejjibsiifameera jedhe Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa.
Dhaabbattichi raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Injinar Abdulbar Shamsuu wayita kana baatiiwwan jahan darbanitti dameewwan garaagaraan raawwii fooyya’aan galmaa’uu kaasanii, karoora galii isaa %113 milkeessuu ibsaniiru.
Baatiiwwan jahan darbanitti xaa’oo meetirik toonii kuma 800 gara biyya keessaatti geejjibsiisuuf karoorfatee qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin hojjechaa turuus eeraniiru.
yeroo ammaa kana xaa’oon meetirik tooniin miiliyoonni 1 ol gara biyya keessaatti geejjibsiifamuu ibsaniiru.
Qiddist Abaateetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.