Itiyoo – Teeleekoomiin galii Birrii biiliyoona 85 ol argate
Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Itiyoo – Teeleekoomiin baatiwwan jahan darban galii Birrii biiliyoona 85 ol argateedha jedhe.
Hojii Raawwaachiiftuu olaantuun Itiyoo Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruun raawwii hojii dhaabbatichaa baatiwwan jahan darbanii ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Dhaabbatichi uwwisa Interneetii caalmaatti babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan.
Kanaanis walakkaa waggaatti Birrii biiliyoona 85 argachuu himan.
Baay’inni maamiltootaa miiliyoona 87.1 gahuu eeruun, kan bara darbeerratti miiliyoona 6 dabaluu eeran.
Maagaaloonni kumni 1 fi 69 tajaajila Neetworkii 4G argachuu ibsan.
Buufataaleen moobaayilaa kuma 10 fi 288 qaqqabuu dubbatan.
Yeroo ammaa Itiyoo teeleekoom tajaajiloota 204 maamiltootaaf dhiyeessaa jiraachuus eeraniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.