Qabeenya Dilbii Oromiyaan qabdu misoomsuufi beeksisuun madda galii taasisuuf hojjetamaa jira- BATO
Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Qabeenya Dilbii Oromiyaan qabdu misoomsuufi beeksisuun madda galii taasisuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa.
Jijjiiramaan asitti qabeenya dilbii naannichi qabu misoomsuufi beeksisuun madda galii taasisuuf xiyyeeffannoo olaanaa argatee hojjetamaa jiraachuu hime.
Bu’uuruma kanaan guyyaa har’aa sagantaan daawwannaa, beeksisaafi agarsiisa aadaafi bakkeewwan tuurizimii Oromiyaa walta’iinsa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Godina Harargee Bahaan qophaa’uun gareen Miidiyaalee, Kominikeeshinii fi Rogeeyyii miidiyaan Paarkii Baabbileetti eegaleera.
Kaayyoon isaas bakkeewwan hawwata tuurizimiifi aadaa godinichaa beeksisuuf yoo ta’u,har’aafi boruu godinichaafi Magaalaa Maayaatti daawwannaan bakka hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu,bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Muhammad fi keessummoonni garaagaraa argamanitti kan taasifamu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.