Gamoon Riizoortii Shabalee duudhaa, aadaa fi seenaa naannoo Somaalee kan hammateedha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) –Riizoortiin Shabalee bakka bashannanaa qofa osoo hin taane Gamoo ammayyaa duudhaa, aadaa fi seenaa naannoo Somaalee hammateedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy “Piroojektoota ijoo sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun hojjetamaa jiran keessaa isa 2ffaa kan ta’e Riizoortiin Shabalee lafa hektaara 385 irratti hojjetame eebbifnee tajaajilaaf eegalchiifneerra’ jechuun ibsaniiru.
Riizoortiin kun bakka bashannanaa qofaa osoo hin taane galmee seenaa ogummaa ijaarsa gamoo ammayyaa duudhaafi aadaa Naannoo Somaalee waliin qindeessee tolchee ol kaa’e akka ta’e kaasaniiru.
Kennaan uumamaa baay’ee bal’aafi hawwataa Naanichatti argamu sona ida’amuufi walta’insaan gara misoomaatti yoo jijjiiramu, Itiyoophiyaan kan yaaddu qofaa osoo hin ta’iin biyya waan yaaddu dhugoomsitee itti jiraattu ta’uushee qabatamaan agarsiisuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.