Fana: At a Speed of Life!

Riizoortiin Shabalee naannolee hundatti misooma fiduun akka danda’amu agarsiistuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Riizoortiin Shabalee xiyyeeffannoon yoo hojjetame naannolee Itiyoophiyaa hundatti misooma fiduun akka danda’amu agarsiistuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Piroojektoota ijoo sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun hojjetamaan keessaa isa 2ffaa kan ta’e Riizoortiin Shabalee lafa hektaara 385 irratti hojjetame guyyaa har’aa eebbifameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa sagantaa kanarratti dabarsaniin, ijaarsi manneen riizoortichaa aadaafi haala ijaarsa manaa naannawichaa bu’uura kan godhatan fi pirojektii guddaa mukkeeniifi fuduraaleen kumaatamni keessatti dhaabaman ta’uu ibsan.

Uummanni Somaalee nagaa kan jaallatu namoota jaalalaan simachuunii fi kunuunsuun walooma qabatamaan kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.

Kanaan dura naannichi walitti bu’iinsaafi waraanaan kan beekamu ta’uu ibsuun, hoggantoonnis gara naannichaa kan deeman araaraa fi nageenya kabachiisuuf ta’uu eeran.

Yeroo ammaa kana hojiileen bu’uuraalee misoomaa bal’aan akkasumas pirojektoonni biroon naannichatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka fakkeenyaattis pirojektoonni gaazii, xaa’oo fi daandiiwwan kiiloomeetira kumaatamatti lakkaa’amanii, ijaarsa manneeniifi pirojektiin babal’ina buufata xiyyaaraa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kana malees guyyaa har’aa kan eebbifame Riizoortiin Shabalee, warshaan suphaa konkolaataa fi pirojektoonni biroon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hoggantoonni naannichaa naannicha walitti bu’iinsa keessaa baasuun gara misoomaatti fiduu isaaniif baga gammaddan jedhaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.