Pirojektiin maddisiisa anniisaa qilleensaa Ayishaa- 2 eebbifame
Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Pirojektiin maddisiisa anniisaa qilleensaa Ayishaa- 2 guyyaa har’aa eebbifameera.
Waajjirri Ministira Muummee ergaa miidiyaa hawaasummaan dabarseen, Itiyoophiyaan pirojektii maddisiisa anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 ifatti eebbisiisuun damee inarjii irratti seenaa haaraa kan galmeesse milkaa’ina olaanaa galmeessisteetti jedhe.
Bu’aan kun filmaatawwan anniisaa haaromfamaa keenya babal’isuuf tarkaanfii murteessaa fudhachuu keenyaaf agarsiistuudhas jechuun ibseera.
Dhiyeessiin humnaa tasgabbaa’aa diinagdee teeknooloojiin durfamuuf lafee dugdaa waan ta’eef pirojektiin guddaan kun mul’ata Itiyoophiyaan qabdu gara qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo qabaachuu qofa osoo hin taane mul’atawwan gurguddaa raawwachuuf dandeettii gahaa akka qabdu qabatamaan mul’iseera jedhe.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.