Filmaatawwan anniisaa haaromfamaa guddisuun goleewwan biyyattii ibsaa jirra- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Filmaatawwan anniisaa haaromfamaa guddisuun tokkoon tokkoo goleewwan biyyattii ibsaa jirra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waqtii murteessaa mul’anni dhiyeessii humaa Itiyoophiyaa itti dhugoome irratti argamna jedhan.
Filmaatawwan anniisaa haaromfamaa guddisuun tokkoon tokkoo goleewwan biyyattii ibsaa jirra jechuun ibsaniiru.
Kunis ibsaawwan daandiirraa qofa osoo hin taane abdiifi egeree uummata keenyaas ni dabalata jedhan.
Milkaa’inni kun kutannoon yoo kaanee fi dandeettii keenya walitti yoo fidne qabeenya uumamaa keenya fayyadamuun galma inarjiin of danda’uu mirkaneessuu akka dandeenyu agarsiistuu guddaadhas jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.