Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Koree Waloo Raayyaa Ittisaa Itiyoo Keeniyaa xumurame

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Walga’iin Koree Waloo Raayyaa Ittisaa Itiyoo Keeniyaa guyyoota lamaan darbaniif Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Walga’iin kun erga Raayyaan Ittisaa biyyoota lamaanii waliigaltee mallateessanii yeroo jalqabaaf kan gaggeeffameedha.

Raayyaan Ittisaa biyyoota lamaanii faayidaa waloo kabachiisurra darbee nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tiksuuf itti gaafatamummaa waloo qabaachuu ibsame.

Hariiroon Raayyaa Ittisaa biyyoota lamaanii qajeeltoo walamantaa, kabajaa fi faayidaa waloorratti kan hundaa’eedha jedhame.

Korichi waggoottaan darban hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu Jila Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa kan dursan Daayrekterri Olaanaan Hariiroo alaa fi tumsa waraanaa Raayyaa Ittisaa Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuun dubbataniiru.

Waltajjichaan dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuu danda’anirratti mari’atamuu eeraniiru.

Haalli yeroo amma naannichaa ejjennoo fi tumsa waloo cimaa akka barbaadu dubbataniiru.

Keessattuu faayidaa waloo mirkaneessuuf dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti hariiroo fi tumsa jiru caalmaatti cimsuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbachuu isaanii Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaalitti himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.