Hojiileen dhiibbaa jireenyaa jiraattota magaalichaa salphisan hojjetamaniiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Amajjii 29, 2018 (FMC) –Hojiileen dhiibbaa jireenyaa jiraattota magaalichaa salphisan hojjetamaniiru jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Manni Maree bulchiinsa magaalichaa Yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessaa jira.
Aadde Adaanech Abeebeen hojiilee baatiiwwan jahan darban damee daldalaan hojjetaman irratti gabaasa mana marichaaf dhiyeessaniin, gabaa tasgabbeessuufi dhiyeessii oomishaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu ibsaniiru.
Midhaan kuntaalli kumni 600 fi kumni 88 fi 153 akkasumas horiin gaanfaafi bushaayeen miiliyoonni 2 fi kumni 100 fi kumni 27 fi 200 ol gabaaf dhiyaachuu eeraniiru.
Kana malees zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 12 fi kumni 600 fi kumni tokkoo olii fi Sukkaara kuntaala kuma 200 fi kuma 42 fi 800 ol dhiyeessuun dhiibbaa jireenyaa jiraattota magaalichaa salphisuuf hojjetamuu kaasaniiru.
Fuuncaa faddaalaa adda kutuun shammattootaafi oomishtoota kallattiin walitti fiduuf hojii bal’aan hojjetamuus ibsaniiru.
Giddugaloota gabaa seensawwan magaalichaa shanan irratti ijaaraman dabalataan Giddugalli Gabaa Laaftoo Lakkoofsi 2 tajaajila eegaluu eeruun, lakkoofsa gabaa Sanbataa fi Dilbataa 219 irraa gara 245’tti guddisuun akka danda’ames hubachiisan.
Dhaabbilee kuma 200 fi kuma 30 fi 13 irratti hordoffii taasisuun dhaabbileen badii dalagan kumni 12 fi 139 adda bahuufi kanneen keessaas daldaltoonni kumni 10 fi 496 gara seera qabeessatti deebi’uu ibsaniiru.
Hojiilee daldalaa xixiqqoo idilee hin taane kuma 7 fi 400’f beekamtii seeraa kennuun gara hojiitti akka seenan taasifamuus gabaasa dhiyeessaniin kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.