Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2018 (FMC) – Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Buusaa Gonofaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii jiruufi jireenyi ittiin qajeelfamu ijaarrachuun bulaa dhufe. Jaarmiyaalee gurguddoo qormaatni uumamaafi namtolchee ittiin qolatamu keessaa duudhaan walgargaarsaa angafummaan kan eeramudha. Gola Oromiyaa hundatti maqaa garaagaraatiin haa beekamu malee Buusaa Gonofaan duudhaa walgargaarsaa utubaa namoomni dhugaan ittiin calaqqisiifamu jiruufi jireenyi guyyuus ittiin qajeelfamudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uun tarkaanfiiwwan haaraa hojiirra oolche keessaa Buusaa Gonofaan tokko yoo ta’u caaseffama haaraa rakkoo hawaasummaa waloo qolachuu dandeessisedha. Itita duudhaa Oromoo ganamaarraa kan ijaarame ta’uu isaatiinis tarkaanfii haaraa yeroo gabaabaa keessatti injifannoo olaanaan ittiin galmaa’edha.

Duudhaa Oromoo ganamaa sirna Gadaan masakame kana sochoosuufi bifa tarsiima’aa ta’eenis hogganuun hongee hamaa Kibba Oromiyaatti mudatee ture qolachuu qofa osoo hin taane jiddugala gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuun danda’ameera. Kana malees, waggoota ja’an darbe keessa qormaata uumamaafi namtolchee mudachaa ture qolachuu kan dandeesise harka uummata keenyaa duudhaafi safuu isaaf diriiree kaayyoo eebbifamaa kanaaf oljedhedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa har’as ta’e boru duudhaan Uummata keenyaa qormaata uumamaas ta’e namtolchee qolachuu keessatti utubaa jabaa kufaatiirraa hunda baraaruufi dagalee hawaasummaa walitti hidhamiinsa jabeessu ta’uu bu’uura irraa kan amanudha. Kanaafis Buusaa Gonofaa Oromiyaa caasessuun gargaarsaan olitti maqaa gaarii eenyummaa Oromoo sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechaa jira. Ilaalama kanaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa ilaalcha siyaasaa kamirraa walaba taasisuun namni nama ta’uu isaa qofaaf tumsaafi deeggarsa namoomaa kan taasisu dhaabbata gaachana uummataa duudhaa ganamaan masakame galma qabanne milkeessudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Buusaa Gonofaan dhaabbata guddicha gaanfa Afriikaatti safuu Oromoon masakamee tumsa namooma qormaata uumamaafi namtolchee qolachuu dandeesisu ijaaraa jira. Galma kana dhugoomsuufis hojii waggootan Ja’an darbe hojjetamaa dhufeen miseensota itti fufiinsaan tumsa taasisan miliyoona 28.5 ol horachuun danda’ameera. Kana malees, Gumaatni Buusaa Gonofaa bifa seerawaa ta’een walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u balaawwan uumamaafi namtolchee ittiin qolachuunis danda’ameera.

Akka mootummaatti namoota dhuunfaanis ta’e akka dhaabbataatti miseensa Buusaa Gonofaa Oromiyaa ta’uun ergama guddaa kana utubaa jiraniif galata dhiyeessuun barbaada. Buusaa Gonofaan dhaabbilee ciccimoo akka biyyaatti jiran keessaa daandii milkaa’inaa qabachuu kan danda’eef duudhaa ganamaarratti hundaa’uu isaatiin tumsaafi deeggarsa taasisuu keessan irraa kan maddedha. Uummatni keenyas ergama kana bu’uureessuu keessatti jecharra ce’ee gochaan dhugoomsaa jira.

Sosochii buusii miseensotaafi gumaata Buusaa Gonofaa taasifamaa dhufeenis qarshiin biliyoona Sagalii ol walitti kan qabame yoo ta’u rakkoo uumamaafi namtolchee yeroo garaagaraa mudate keessatti deeggarsi namoomaa taasifamaa dhufeera. Manneen Barnootaa keessattis nyaata barattoota dhiyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru yoo ta’u sagantaa nyaata barattootaa milkeessuuf qonni manneen barnootaa sagantaa tajaajila lammummaatiin hojiitti hiikamuu eegaleera. Jalqabbii kana sadarkaa olaanaatti ceesisuun ergama ijaarsa dhalootaa eegalame cimsuufis kutannoon hojjenna.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa Galii dhaabbataa horachuufis baadiyaatti Investimentiin Qonnaafi magaalaattis Investimentiin ijaarsa garaagaraatiin hojiin eegalame boqonnaa haaraa saaquu danda’eera. Maashinarootni ammayyaa’oon baadiyaatti makanaayizeeshinii damee qonnaa milkeessuufi magaalaattis misooma jalqabame saffisiisuuf oolan bitamuun hojiirra oolfamaniiru.

Ergamni jabaan Buusaa Gonofaa kan biraan lammileen gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti akka ce’aniif hojjechuudha. Ilaalama kanaan hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananii ta’uu isaa uummatni gochaan akka dhugoomsuuf baadiyyaafi magaalaatti hojii hubannoo uumuurraa irraa eegalee hanga gochaan agarsiisuutti kan hojjetudha. Kanaanis gargaaramtummaa seenaa gochuun lammilee ilaalchaafi gochaan oomishtummaatti ce’an uumuu irratti hojii eegalame cimsinee itti fufuun ni milkeessina. Osoo qabeenya guddaa qabnuu akka dhabaatti; osoo dandeenyuus akka dadhabaatti tirachuu cichoomina keenyaan seenaa goonee imala eegalleen daandii injifannoo saaquun abdiirraa gara ifa qabatamaatti ce’uu dandeenyee jirra.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota Buusaa Gonofaa bu’ureessuuf xiyyeeffannoo addaa kennee jiru cimsee kan itti fufu yoo ta’u uummatnis tumsaa fi deeggarsa taasisuu eegale Sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechuu akka qabu waamicha koon kabajaan dhiyeessa!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa: Pirezidaantii MNO
Amajjii 2018

Finfinne

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.