Dooktar Abiy Riizoortii Hara Loogoo eebbiisan
Finfinnee, Amajjii 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Guyyaa har’aa Riizoortii Hara Loogoo eebbiisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Riizoortichi miidhagina uumama walloo, ammayyaa akkasumas bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idil addunyaa eeggate kan of keessaa qabu Pirojeektii ajaa’ibaati jedhan.
Riizoortichii guddina ariifachiisaa diinagdee naannawichaa fi biyyattiif gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Gorgoraatti aansuun Pirojeektii 2ffaa Naannoo Amaaraa ta’uu ibsuun, carraa hojii kallatii fi al kallattii uumuun damee qonnaa, geejjiba, tuurizimii fi tajaajiloota biroon daddamaqiinsa olaanaa kan uumu ta’uus kaasaniiru.
Kunis oomishtoota naannawichaa, ogeeyyiii garaagaraa fi hoji uumtootaaf carraa gabaa haaraa mijjeessuun guddina damee tuurizimii fi wabii jiruuf jireenyaaf bu’uura kan kaa’uudha jedhan.
Yaadama Ida’amuun kan durfame pirojeektiin kun, mootummaa fi damee dhuunfaa maaddii tokkoorratti walitti qabuuf imaammata gara gochaatti Invastimantii immoo gara bu’aa qabatamaatti jijjiireera jedhan.
Riizoortiin tumsaan ijaarame kun michummaa Mootummaa fi damee dhuunfaa itti fufiinsa imaammataa fi guddina yeroo dheeraaf bu’uura kan kaa’u akka ta’ees eeraniiru.
Hunda ol immoo Riizoortiin Loogoo ummata walloo gara lafeessa ta’e hambaalee, Aadaa, duudhaa fi keessummaa simachuu isaa addunyaaf akka qoodaniif waamicha dhiyaate dha jechuun hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.