Manni Maree Naannichaa yaa’ii idilee gaggeessuu eegale
Finfinnee, Amajjii 30,2018 (FMC)- Manni Maree Naannoo Afaar Yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 6ffaa bara hojii 5ffaa magaala Samaraatti gaggeessuu eegaleera.
Yaa’icharratti Pireezidaantiin naannichaa Obbo Awwal Arbaan gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii mana marichaaf dhiyeessaniiru.
Gabaasa isaaniin, baatiiwwan jahan darban hojiilee misoomaa ijoo hawaasummaa, diinagdee fi nageenyaaf tasgaabbiin hojjetaman dhiyeessaniiru.
Yaa’ii guyyoota sadiif gaggeeffamu kanaan hojiileen baatiiwwan jahan darban hojjetaman gadii fageenyaan kan gamaaggamaman ta’uun ibsameera.
Manni marichaa sanadoota dhiyaatanirratti gadii fageenyaan erga mari’atee booda gabaasoota dhiyaatan ni raggaasisaas jedhameera.
Dabalataniis Wixinee labsii lama ni raggaasisan eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.