Sirna barnootaa teeknooloojiin durfamu guddisuuf…
Finfinnee, Guraandhala 1, 2018 (FMC) – Sirna barnootaa teeknooloojiin durfamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Barnootaa.
Ministeerichi qaamolee qooda fudhattootaa biirolee naannoleerraa walitti babba’an waliin raawwii baatiiwwan jahan darbanii damichaa gamaaggameera.
Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Ayyalech Isheetee wayita kana teeknooloojiin hojii baruufi barsiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.
Waliin ga’iinsa teeknooloojii dameewwan barnootaa hunda keessatti mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kanaaf dirree mijataa uumuuf waggoottan darban hojiileen bu’uuraalee misoomaa barnootaa fooyyessuu hojjetamuu yaadachiisaniiru.
Gama bu’uuraalee misoomaa barnootaa babal’isuun hojiin ijaarsaafi haaromsa manneen barnootaa hojjetamuus eeran.
Sagantaa nyaata barattootaa guddisuun dandeettii simannaa barattootaa manneen barnootaa guddisuuf hojjetamuu kaasaniiru.
Sirni barnootaa haaraan gara hojiitti galuun xiyyeeffannoo damee barnootaaf kenname akka agarsiisus dubbataniiru.
Hanqina barsiisotaa hir’isuufi dandeettii isaanii guddisuuf hojiileen milkaa’ina qaban hojjetamuufi waggoottan lamaan darbanitti barsiisota kuma 100 fi kuma 10 oliif leenjiin ijaarsa dandeettii kennamuu yaadachiisan.
Yismaaw Adaraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.