Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaatti karaa oonlaayinii kennama – Ministeericha
Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaatti karaa oonlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa jira jedhe Ministeerri Barnootaa.
Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan, waggoottan lamaan darban qormaatichi waraqaafi karaa oonlaayinii kennamaa akka ture yaadachiisanii, bara kana guutummaan guutuutti karaa oonlaayinii akka kennamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Deeggarsi galteewwan garaagaraa naannoleef godhamaa akka jiru kaasanii, buufataalee qormaataatti dhiyeessiin intarneetii gahaan akka jiraatuuf Itiyoo-Telekoom waliin tumsaan ni hojjetama jedhan.
Naannoleen adeemsa kana keessatti rakkooleen mudatan akka hin jiraanneef kompiitaroonni, neetwoorkiifi dhiyeessiin humnaa gahaan akka jiraatuuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Barattootaaf leenjii gahaa kennuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Dhimmichaan walqabatee naannoleefi bulchiinsi magaalotaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisanis gaafataniiru.
Akka biyyaatti qormaata karaa oonlaayinii kennuuf dandeettiin jiraachuu kan ibsan ammoo Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Barnoota Diijitaalaafi ICT Dooktar Zalaalam Asaffaati.
Qormaatni moodelaa barattoonni ittiin shaakalan gahaan qophaa’uu eeranii, barattoonni dursanii akka shaakalaniifi leenjii argatan gochuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.