Fana: At a Speed of Life!

Sosochii hojii torbee duula misoomaa kutaa magaalaa Sulultaatti…

Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Kutaa Magaalaa Sulultaatti sosochii hojii torbee duulaa misoomaan daandii Keessa Keessaa Kiiloo Meetira 20 hojjechuuf har’a hojiin eegalame.

Torbee Duula Misoomaan hojiin Daandii Keessa keessaa hirmaannaa uummataan har’a jalqabame itti fufiinsaan kan raawwatamu ta’uu Ittigaafatamaan Siyaasaa Kutaa Magaala Sulultaa obbo Sisaay Haayileen ibsaniiru.

Hirmaanna uummataa daraan cimsuun ummanni hojii misoomaa keessatti gahee adda durummaa akka bahatu hojiin gurmeessuu fi qindeessuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Bara kana daandii keessa keessaa Kiiloo Meetira 12 suphaa fi kiiloo meetira ammoo 8 haaraa hojjechuuf har’a duulaan hojiin eegalamuu Hojii Geggeessaan Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Darajjee Yaa’iin eeraniiru.

Daandiiwwan baadiyyaafi Magaalaa wal-qunnamsiisan haaraa ijaaruu akkasumas kanneen suphaa barbaadan suphuuf baajeta mootummaafi hirmaannaa uummataan hojiin duula torbee misoomaa har’a ifatti eegaluu dubbatan.

Sosochiin hojii torbee duula misoomaa kun har’a Zoonii Walee, Illaamuu fi Mana Abbichuutti haala hirmaachisaa ta’een eegalamuu Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Tasfaa Fiqaaduun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.