Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaafi Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti paartii jijjiiredha jedhan.
Paartichi mata duree “ Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun sagantaa manifeestoo fi mallattoo filannoo isaa ifoomsuu Waajjira isaa Muummeetti gaggeesseera.
Saganticharratti Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaafi Ministira Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunaafi Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaa Waajjira Muummee Paartichaa obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni olaanoon paartichaa biroon argamaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa waltajjii kanarratti dabarsaniin, Paartichi seenaa gara qabeenyaatti; hambaa ammoo gara duudhaatti jijjiiruu ibsan.
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 6ffaa booda dameewwan diinagdeefi hawaasummaa irratti hojii hojjeteen Itiyoophiyaan dameewwan hedduun jijjiirama keessa akka jirtu eeraniiru.
Haaluma Kanaan Diijitaal Itiyoophiyaa, Diijitaal Faayinaansii, tajaajila diijitaalaa fi hojiilee biyyattii idaarraa gara miindaatti ceesisan hojjetamuu ibsaniiru.
Dameewwan hawaasummaan walitti hidhamiinsa uummattootaa uumuuf ayyaanonni uummataafi aadaa akka ciman taasifamuu kaasanii, kunis Itiyoophiyaan boquu buustee akka hin hafne agarsiiseera; seenaanis jijjiirameera jedhan.
Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.