Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa hanga xumuramutti sosochiin Doqdoqqee dhorkame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) –Magaalaa Finfinneetti Boruu eegalee Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa hanga xumuramutti Doqdoqqeen ofuun dhorkaadha jedhe Biiroon Geejjibaa Magaalichaa.

Boru ganama sa’aatii 12:00 eegalee hanga Guraandhala 10, 2018 waaree boodaatti doqdoqqee kamiiiyyuu oofuun dhorkaa ta’uu hubachiiseera.

Sababa kanaan abbootiin qabeenyaa doqdoqqeewwaniin hanga guyyaa jedhameetti obsaan akka eegaan gaafachuun, qaamolee qajeelfama kana darbanitti tarkaanfiin kan fudhatamuu ta’uu yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.