Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Faransaay waliigaltee deggersa Yuuroo miliyoona 81.5 waliif mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 4, 2018(FMC) – Itiyoophiyaa fi Faransaay waliigaltee idaa deebisanii caasessuu fi deggersa Yuuroo Miliyoona 81.5 walii mallatteessan.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee fi Ministir Deetaan Awurooppaa fi Dhimma Alaa Awurooppaa Elenooree Kaayiroot biyyoonii lamaan waliigaltee michooma dinagdee isaanii cimsuu fi hojii fooyya’iinsa dinagdee gooroo deggeruu dandeessisu guyyaa har’aa Finfinneetti walii mallatteessaniiru.

Obbo Ahimad Shidee wayituma kana, Faransaay gargaartuu Dura taa’aa Koree Liqeeesitootaa ta’uu isheen ga’ee murteessaa taphachaa jirtu jajanii, Itiyoophiyaan carraawwan Inveestimeentii haaraa uumuu fi tumsa cimsuuf murannoo qabaachuu ishee mirkaneessaniiru.

Inniisheetiviiwwan Gaanfa Afrikaa Faransaay fi hawaasa Awurooppaan deggeraman dabalatee, dhimmoonni naannawwicha keessatti dursi kennamuuf walsimachuu qabu jedhaniiru.

Elenooree Kaayroot gama isaaniin, barbaachisummaa michummaa Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa ibsanii, waliigalteewwan kunniin walkabaja, dudhaalee waloo fi guddina waaraaf murannoo waloo irratti kan hundaa’an ta’uu dubbataniiru.

Tumsi kun Ajandaa Rifoormii Itiyoohiyaan kan walsimu ta’uu kaasanii, dhaabbileen misoomaa Faransaay faayinaansii bu’uuraalee misoomaa Itoophiyaa keessatti ga’ee tarsiimawaa taphachuu itti fufu jedhan.

Bu’aalee dinagdummaa waloo fiduufi dorgomtummaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf haalli daldalaa jijiiramaa fi abbootii qabeenyaaf miijatu akka barbaachisus eeraniiru.

Deggersi Faransaay kun boqonnaa 2ffaa Sagantaa Fooyya’iinsa Dinagdee biyya keessaaf deggersa bajetaa Yuuroo Miliyoona 80 fi deggersa tekinikaa Yuuroo Miliyoona 1.5 kan ofi keessatti qabate paakejii Faayinaansii haaraa akkasumas irra deebii caaseffama idaa gamlamee kan qabatee dha.

Hammattoo waloo Itiyoophiyaa fi biyyoota miseensota Garee 20 jalatti waliigaltee gamlamee jalqabaa idaa deebisanii caasessuu biyya Miseensa Koree Liqeessitootaa(OCC) waliin mallatteeffame akka ta’ee fi dinagdee Itoophiyaaf murteessaa ta’uunis eerameera.

Qaamoleen lamaan pirojeektii hariiroo fi daldala fooyyessu ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa Faransaay keessa deebi’anii ilaaluuf waliigalaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.