Rakkoo Bulchiinsa gaarii furaa kan jiru Masoob …
Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (MC) – Wiirtuun Tajaajila giddugala Tokkoo Masoob qaawwa mootummaa fi ummata gidduu jiru dhiphisuun itti quufinsaa fi amantaa ummanni mootummaa irraa qabu akka dabalu gochaa jira jedhan Pireezidaantin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa foyyeessuun rakkoon bulchiinsa gaarii bu’uura irraa akka furamuuf hojiile bu’a qabeessa hojjechaa jira.
Keessumaa kenni tajaajilaa si’ataa, qulqulluu fi karaa ammayyaa’aa ta’een akka kennamuuf wiirtuu Tajaajila giddugala Tokko( Masoob) magaalota Oromiyaa keessatti akka hundeeffamu gochuun hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Yaadamni haaraan hanna hambisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoo ta’u, dabalataanis tajaajila teknoolojiin deeggarameefi hawwataa ta’e hawaasaaf dhiyeessuuf akka meeshaa jijjiiramaa tokkootti tajaajila.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa magaalaa Mojootti Wiirtuun Tajaajila giddugala Tokkoo bakka Pirezidaantii itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti tajaajilaaf banaa ta’ee jira.
Obbo Awwaluu Abdii saganticha irratti haasaa taasisaniin hojiilee gurguddoo mootummaa jijjiiramaatiin hojjetamaa jiran keessaa tajaajilli uummataaf kennamu haqa qabeessa, qaqqabamaafi ammayyaa’a akka ta’uuf Wiirtuu Tajaajila giddugala Tokkoo magaalota Oromiyaa keessatti akka hundaa’u gochuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Dabalataanis uummanni jijjiiramaan dura tajaajila argachuuf gidiraa hedduu dabarsaa kan ture ta’uu eeruun, yeroo ammaa mootummaan hawaasa boqochiisuuf kenna tajaajilaa foyyeessuuf hojii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiruun rakkoo bulchiinsa gaarii bu’uura irraa furmaata akka argatu gochaa jira jedhan.
Kantiibaan magaalaa Mojoo Obbo Gaazaalii Hashuu gamasaaniin, mootummaan jijjiiramaa gaaffilee uummataa roga hundaan deebisuuf hoji bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu himanii, hojiilee kana keessaas tajaajilli mootummaan uummataaf kennu si’ataa, qulqulluufi ammayyaa’a akka ta’uuf Wiirtuu Tajaajila giddugala tokkoo hundeessaa jira jedhan.
Wirtuun Tajaajila giddugala tokkoo magaalaa Mojootti har’a eegale kunis tajaajilawwan 106 kan kennu ta’uu ibsanii, sektaroonni 23 wiirtuu kanatti tajaajila kan kennan ta’uu himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Ormiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.