Dooktar Geediyoon jila Ministira Dhimma Alaa Faransaay waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos jila Ministira Awurooppaa fi Dhimma Alaa Faransaay Eliiyuunoor Kaarwaan durfamu waliin mari’atan.
Walga’ii Idilee Hojii Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaa 48ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti wal arguun dhimmoota waqtaawaa idil addunyaa fi naannawaarratti mari’ataniiru.
Faransaay deeggartuu ijoo hojiilee foyyeessa diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa ta’uu Dooktar Geediyoon kaasaniiru.
Eliiyuunoor Kaarwaan gama isaaniin Faransaay tumsa hundagaleessa Itiyoophiyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.