Yaa’iin Xaaliyaanii – Afrikaa har’a Finfinneetti gaggeeffama
Finfinnee, Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan Xaaliyaanii – Afrikaa har’a Magaalaa Finfinnee Giddugala Konveenshii Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffama.
Yaa’ichi hariiroo fi tumsa naannawaa fi idil Addunyaa Xaaliyaanii fi Afrikaa caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi Yaa’ii 2ffaa Xaaliyaanii – Afrikaa keessummeessuuf qophii xumurtee keessummoota simachaa jirti.
Haaluma kanaan Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomaanii Antooniyoo Guutareez dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi dhaabbilee idil addunyaa Finfinnee seenaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.