Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa qabaachuu qabdi
Finfinnee Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa qabaachuu qabdi jedhan hoggantoonni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa.
Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti argamuuf Finfinnee kan galan Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez Dura taa’aa Komiishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf waliin mari’ataniiru.
Sagalee Gamtaa Afrikaa dippilomaasii idil addunyaa keessatti guddisuuf hojii hojjetamaa jirus jajaniiru.
Afrikaan fooyya’iinsa gam-hedduu keeasstti ga’ee jajjaabeessaa akka qabdus ibsaniiru.
Mootummoonni Gamtoomanii fi Gamtaan Afrikaa tumsa tarsiimawaa dam-hedduu akka qabanis eeraniiru.
Dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf gama isaaniin, Antooniyoo Guteereez hariiroon Gamtaa Afrikaa fi gam-hedduu akka cimuuf murannoo mul’isaniif galateeffataniiru.
Michoomni Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Gamtoomanii nagaa, tasgabbii fi misooma waaraa ariifachiisuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Hoggantoonni lamaan tumsa Chaartera Ajandaa 2063 fi Mootummoota Gamtoomanii waliin walsimu cimsuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Nagaa fi tasgabbii naannawaa, misooma waaraa, ce’umsa indaastirii hunda hammate, misooma indaastirii, carraa hojii uumuu fi ijaarsa dinagdee cimaa irratti mari’ataniiru.
Fedhiiwwan faayinaansii Afrikaa haala ga’aan akka hiikamaniif walga’iinsi faayinaansii haqa qabeessi, sirni idaa tasgabbaa’aan fi sirnoonni faayinaansii idil addunyaa akka fooyya’aniif hojjechuu akka barbaachisu walii galaniiru.
Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii keessattis Afrikaan bakka bu’ummaa dhaabbataa qabaachuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.