Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Afrikaa caalmaatti cimsuuf murannoon hojjechaa jirti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Afrikaa caalmaatti cimsuuf murannoon hojjechaa jirti jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti ergaa dabarsaniin, hoggantoonni biyyoota Afrikaa gara biyya argama dhala namaa Itiyoophiyaatti baga nagaan dhuftan jedhan.

Afrikaatti misooma itti fufaa fi guddina mirkaneessuuf tumsaan hojjechuu akka barbaachisus hubachiisan.

Amma biyyoonni Afrikaa guddina gammachiisaa galmeessisaa akka jiran kaasanii, guddina eegalame caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechuu barbaachisas jedhan.

Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa hundagaleessa biyyoota Afrikaa sissi’eessuuf inveestimeentii damichaan eegalte cimsitee akka itti fuftus hubachiisaniiru.

Akka fakkeenyaatti Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa uummata wal argisiisuu bira darbee walitti hidhamiinsa gabaa uumuun guddina dinagdee cimsaa akka jiru eeraniiru.

Hojii kana caalmaatti cimsuufis Itiyoophiyaan Afrikaatti daandii qilleensaa guddaa ta’e Buufata xiyyaaraa Bishooftuu ijaaraa jirti jedhan.

Kana malees Itiyoo Telekoom walitti hidhamiinsa Afrikaa cimsuuf ga’ee isaa ba’aa jiraachuu ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.