Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Bootiswaanaa waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Bootiswaanaa Duumaa Bookoon waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaanti Duumaa Bookoon waliin dhimmoota gam-lameefi naannawaa, carraalee tumsa diinagdee fooyya’aa fi dhaloota egeree Afrikaa hogganu gahoomsuu irratti haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.