Fana: At a Speed of Life!

Imaanaa dhaloonni darbe nuuf kenne bu’uura cimaan ijaaruun dhaloota egeereef dabarsuu qabna – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Ummanni Oromoo waggaa 100 oliif aarsaa qaalii kaffaluun abbaa hiree ta’uu mirkaneesse jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan yaadaa fi Gaaffii miseensonni Caffee dhiyeessaniif ibsa waliigalaa fi hojii yeroo itti aanurratti kallattii kennaa jiru.

Imaanaa dhaloonni darbe jaarraa 1 oliif aarsaa qaalii itti kaffaluun nuuf kenne bu’uura cimaan ijaaruun dhaloota egeereef dabarsuu qabna jedhan.

Humnoonni siyaasaa tokko tokko ummata rakkoo keessa tursuun fedhii dhuunfaa isaanii guutachuuf wayita dhama’an mul’atu jedhan.

Ummanni Oromoo shira akkasii injifachuuf dirree fi mala qabsoo jijjiruu akka qabu eeran.

Jalqabarratti Ummanni Oromoo diinagdeen akka cimu waggoottan darban keessa hojii bal’aan hojjetamuu dubbatan.

Baajanni mootummaa naannoo Oromiyaa waggoota dura biiliyoona 50 qofa ture ammaa biiliyoona 400 caaluu kaasan.

Galiin naannichaa biiliyoona 16 gadi ture amma biiliyoona 200 caalu himan.

Oromiyaan galii mataa isaa maddisuu eegaluu hordofee hirkatummaan Mootummaa Federaalaa %70 ol ture yeroo ammaa % 30 gaditti hir’achuu dubbatan.

Waggoottan darban keessaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan kumni 27 ol gara Investimantiitti ce’uu eeran.

Waliigalaan jijjiiramichi qonnaan bulaatti humna olaanaa horuu ibsan.

Warri jijjiiramni itti dhufe ammas shira xaxaa wacaa oolu, garuu haalli yeroo ammaa ummanni Oromoo keessa jiru waca isaaniif carraa hin kennu jedhan.

Magaaloonni kana dura bakka dararaa ummata Oromoo fi qonnaan bultoota Oromo turan amma giddugala Invastimantii qonnaan bultootaa ta’uu himan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.