Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gufuuwwan isa muudatan humna ummataatiin damdamatee galmoota tarsiima’oo Ummata Oromootiif bu’uura cimaa kaa’uu ittifufeera- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018(FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma yeroo maraa, gufuuwwan isa muudatan humna ummataatiin damdamatee galmoota tarsiima’oo Ummata Oromootiif bu’uura cimaa kaa’uu ittifufeera jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbi Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa irratti argamuun gabaasa raawwii karoora qaama hojii raawwachiiftuu ji’oottan jahan darbanii dhiyeessera jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Yaa’ii Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa irratti argamuun gabaasa raawwii karoora qaama hojii raawwachiiftuu ji’oottan jahan darbanii dhiyeesse. Akkasumas gaaffillee kabajamtoonni miseensonni Caffee dhiyeessaniif deebiifi ibsa dabalataa kenneera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma yeroo maraa, gufuuwwan isa muudatan humna ummataatiin damdamatee galmoota tarsiima’oo Ummata Oromootiif bu’uura cimaa kaa’uu ittifufeera. Waggoottan jijjiiramaa darban, misoomni hawaas-dinagdee ummata keenya fayyadamoo taasisu dachaadhaa oliin dabaleera.

Ji’oota jahan darbanis, sochii qindaa’aa karoora xiiqii barichaa milkeessuuf taasifneen, gama hundaan milkaa’inoonni abdachiison galmaa’aniiru. Gahee olaanaa kabajamaa Caffeefi ummanni keenya imala waggoottan jijjiiramaa mara keessatti bahataa turtaniifi jirtaniif, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isin galateeffachuun barbaada.

Dubdeebii koreewwan dhaabbii Caffeetiin nuuf kennaman akka galteetti fudhachuu qofa osoo hintaane, ji’oottan jahan fuuldura keenya jiran keessatti sirreessinee hojiidhaan kan deebii ittikenninu ta’uu kabajamaa Caffeefi ummata keenyaaf kanan mirkaneessu ta’a.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tumsa kabajamaa Caffeefi ummata isaa qabachuun, galmoota tarsiima’oo Ummata Oromoo gulantaa haaraa yaabbatan kanniin, ariitiin lafa qabsiisuuf halkaniif guyyaa kan hojjetu ta’a. Carraa kanaan, haga dagannaa milkaa’ina xixiqqaatti quufuun dhufuu malu to’annetti, humni biroo galma kana milkeessurraa nudhaabu kan hinjirre ta’uu ifatti mirkaneessun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.