Dooktar Abiy Ahimad Saalvaa kiir Maayaardiit waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardiit waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa guyyaa 2fffaan ajandaalee ijoo irratti marii gaggeessaa jira jedhan.
Yaa’ichaan cinattis Pireezidaantii Sudaan kibbaa Saalvaa kiir Maayaardiit waliin dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawichaarratti mari’achuu Dooktar Abiy ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.