Itiyoophiyaan dhaabbilee Faayinaansii idil addunyaa ijoo waliin tumsa tarsiimawaa qabdu ni cimsiti- obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Guraandhala 8, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan dhaabbilee Faayinaansii idil addunyaa ijoo waliin tumsa tarsiimawaa qabdu ni cimsiti jedhan Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee
Mootummaan Itoophiyaa yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa cinatti walgaa’iiwwan ijoo geggeeffamaniin hojiiwwan tumsa dhaabbilee Faayinaansii idil addunyaa ijoo waliin qabu cimsan hojjeteera.
Obboo Ahimad Shidee hoggantoota Baankii Misoomaa Afrikaa, Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa(IFAD), Baankii Arabaatti Misooma Dinagdee Afrikaa(BADEA) waliin mari’ataniiru.
Mareewwan kanneeniin ajandaa rifoormii Itiyoophiyaa, inveestimeentiiwwan dursi kennamuu fi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf yaaliiwwan jiran deggeruun haala danda’amu irratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Baankii Arabaatti Pirezidaantiin Misooma Dinagdee Afrikaa Abdullaahii Almisaayibeh waliin maree mari’atameen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu fi pirojeektii Humna Bishaanii Kooyishaa dabalatee haala carraa faayinaansii pirojeektota bu’uuraaleenmisoomaa gurguddoof uumuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Akkasumas Pirezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Keevan Kaariyuukii waliin maree mari’ataniin, baankichi misooma inarjii Afrikaa babal’isuuf, tumsa naannawaa cimsuunfi pirojeektota ijoo ariifachiisuuf murannoo qaban mirkaneessaniiru.
Pirezidaantii itti aanaa Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa Jeeraardiin Mukeeshimaanaa waliin walga’ii addaa geggeessaniin, qaamoleen lamaan dhimmoota sagantaalee misooma qonnaa babal’isuufi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qiilleensaa dandamachuuf hojiirra oolaa jiran ajandaawwan Itiyoophiyaa waliin walsimsiisuu dandeessisan irratti mari’ataniiru.
Walgaa’iiwwan geggeeffamaniin dhaabbileen faayinaansii misooma itti fufaa fi hammataa fiduuf murannoo waloo mul’isuu isaanii odeeffannoon Ministeerichi Faanaa Dijiitaaliif erge ni argisiisa.
#Oromia #Ethiopia