Yaa’iiwwan Gamtaa Afrikaa fi Xaaliyaanii- Afrikaarratti milkaa’inni Dippiloomaasii argame – MDHA
Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi Yaa’ii 2ffaa Xaaliyaanii – Afrikaarratti milkaa’ina dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa ishee eegsise argatte jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen yaa’iiwwan gurguddoo Itiyoophiyaatti gaggeeffaman ilaalchiisuun ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun ibsa isaaniin, yaa’iiwwan kunneen milkaa’inaan xumuramuun dandeettii Itiyoophiyaan yaa’iiwwan gurguddoo keessummeessuuf qabdu Addunyaaf kan mul’iseedha jedhan.
Itiyoophiyaan yaa’iiwwan lameen karaa sadarkaa isaa eeggatteen keessummeessuu eeruun, keessummoota ishee kabajaan simattee kabajaan gaggeessuu ibsaniiru.
Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaarratti Dureewwan biyyoota 41, Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa 48, keessummoonni kumni 20 ol hirmaachuu kaasaniiru.
Yaa’iicharratti Itiyoophiyaan milka’inoota heddu galmeessiteetti kan jedhan Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen, gama keessummoota simachuu fi gaggeessuun aadaa ishee kan itti beeksifatte ta’uus eeraniiru.
Yaa’iichan cinaatti immoo waltajjiwwan hundagaleessaa milkaa’aa gaggeessuun dippiloomaasii faayidaa biyyaaleessaa eegsise argameeras jedhan.
Hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachiisuun hojiin maqaa gaarii ijaaruu hojjetamuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun qaamoolee yaa’ichi milkaa’inaan gaggeeffamee akka xumuramuuf gahee bahatanii fi Jiraattoota magaalaa Finfinnee galateeffataniiru.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.