Fana: At a Speed of Life!

Michummaa bara dheeraa Itiyoophiyaa fi Turkiyyee…

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Turkiyyee bara Faranjootaa 1896 eegale.

Turkiyyeen bara 1926 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee yoo bantu, Itiyoophiyaan ammoo bara 1933 Ankaaraatti Imbaasii bante.

Daldalli waliigalaa biyyoota lamaanii Doolaara miiliyoona 700 gahuu ragaan ni mul’isa.

Bunni, Saliixiin, Jirbii, Uffataalee fi kuduraaleen ammoo oomishaalee Itiyoophiyaan Turkiyyee ergitu keessaa angafoota.

Mashinoonni, Meeshaaleen Elektirooniksii, Qorichaalee, oomishaalee nyaataa fi Maanufaakcheriingiin oomishaalee Itiyoophiyaa Turkiyyeerraa bittu keessaa isaan jalqabaati.

Abbootiin qabeeyaa biyyattii hedduun hojiilee Maanufaacheriingii, uffataalee, ijaarsaa fi oomishaalee qonnaa qindeessuurratti bobba’anii argamu.

Pirezidaantiin Turkiyyee Rajiib Xaayip Eerdoowaan bara Faranjootaa 2015’tti Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisanii turan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara Faranjootaa 2021 Turkiyyeetti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Yeroo sanatti biyyoota lamaan gidduutti dameewwan adda addaan waliigalteen mallattaa’uun ni yaadatama.

Hariiroon biyyoota lameenii jaarraa 16ffaa keessa eegale yeroo ammaas dameewwan garaagaraan cimee itti fufeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.