Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan simatan

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Turkiyyee Rajab Xayip Eerdowaan daawwannaa hojiif gara Finfinnee dhufan simataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pireezidaanti RajabXayip Eerdowaaniif simannaa ho’aa taasisaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaaniin baga nagaan bakka argama dhala namaa Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhan.

Pireezidaanti Rajab Xaayip Eerdowaan waggoota 11 booda deebi’anii Itiyoophiyaa daawwachuuf dhufan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.