Fana: At a Speed of Life!

Soomni baatii Ramadaanaa boru eegala

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018(FMC) – Baatiin waan mul’atteef soomni Baatii Qulqulluu Ramadaanaa 1447ffaan boru eegalama.

Manni Murtii waliigalaa Shari’aa Federaalaa Faanaa Dijiitaaliif akka mirkaneessetti, jiinii seensa Baatii Ramadaanaa Itiyoophiyaatti mul’atteetti.

Baatii Ramadaanaa ilaalchisee kaleessa ibsa kan kennan pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Isilaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Ibiraahiim Tufaa, Baatii guddicha Ramadaanaa waliif yaaduufmwalgargaaruun dabarsuu qabna jedhaniiru.

Ramadaanni utubaawwan amantii Isilaamaa keessaa tokko waan ta’eef uummanni Musiliimaa akka soomuuf Allaah’n ajajamuu ibsan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.